“Finfinneen seenaashee keessatti boqonnaa haaraa saaqaa jirti” Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing “Finfinneen seenaashee keessatti boqonnaa haaraa saaqaa jirti” Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS- Ebla 25/2018

Ergaa Kantiibaa Adaanech Abeebee

Dorgommiin Afrikaatti kan jalqabaa ta’e (City Mountain Bike Eliminator Pro League) Itoophiyaatti keessummeessummaa Finfinneen adeemsifameera.

Ka’umsaa fi gahumsa isaa seenaa uummata Afrikaa maraa ta’e Yaadannoo Injifannoo Adwaatti dorgommii Siitii Maawunteen Baayik Illimineetar Piroo Liigi (City Mountain Bike Eliminator Pro League) adeemsifame irratti ispoorteessitoota damichaa biyyoota 24 irraa argaman jidduutti morkiin olaanaa taasifameera.

Ispoortiin damee guddaa addunyaa waliin kan ittiin walitti dhufnu, kan ittiin waliigalluu fi tumsa ittiin cimsannudha.

Mootummaan keenya dame ispoortiif ilaalchi qabu gedderamuun hawaasa keenya ispoortii jaalatu dorgommiiwwan ispoortii idil addunyaa waliin walitti fiduun hojii hojjanneen torbanoota lama keessatti qofa dorgommiiwwan idil addunyaa sadii qopheessuu dandeenyeerra.

Dorgommiin kun magaalaa dippiloomaasii Afrikaa fi Yaadannoo Injifannoo Adawaatti akka adeemsifamu kanneen filattanii fi waggaa itti aanuttis akka asitti adeemsifamu kanneen mirkaneessitaniif Waldaa Biskileetii Idil Addunyaa (UCI) akkasumas hoggansaafi qaamolee ispoortii milkaa’ina dorgommichaaf halkanii fi guyyaa osoo hin jedhin dhamaataniif maqaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneen galata guddaan dhiyeessa.

Dabalataanis, jiraattota magaalaa Finfinnee jaalala ispoortiif qabdan ibsitan, naamusaan keessummaa simattaniifi deggersa keessan agarsiistaniif galata guddaan dhiyeessa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply