Ameerikaan “TikTok” dhuunfachuuf haal-duree xumurteetti

You are currently viewing Ameerikaan “TikTok” dhuunfachuuf haal-duree xumurteetti

AMN PLUS- Onkoloolessa 17/2018

Ameerikaan “TikTok” dhuunfachuuf haal-dureen barbaachisu hundumaa xumuramuu Ministirri Qabeenyaa Ameerikaa Iskooti Besenti ibsaniiru.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gita isaanii Chaayinaa Shii Jinpiing waliin Kooriyaa Kibbaatti marii taasisan dursuun waliigalteef waan barbaachisu raawwachuu ibsan.

Marii Kamisa dhufu Tiraampiifi Jinpiing Se’uulitti adeemsisan irratti waliigalteen TikTok ni adeemsifama jedhamee akka eegeamu ibsameera.

Waliigalteen jalqabaa Maadriiditti taasifamuu himuun, Se’uulitti ammoo akka goolaba isaa argatu akeekaniiru.

Tiraamp erga TikTok cufuuf akeekkachiisanii turanii booda, baatii darbe keessa dambii abbaa qabeenyaa Ameerikaan dhuunfatamuun biyyattii keessatti akka tajaajilu eyyamu irratti mallateessuun isaanii ni yaadatama.

Gama biraan, anga’ootni olaanoo biyyoota lamaanii Maaleezhiyaatti hariiroo daldalaa isaanii ilaalchisee mari’aachaa yoo jiran, daawwannaa Eeshiyaa biyyoota Sadiitti karoorsaniin, Tiraamp har’a gara Jaappaan Tookiyootti imalaniiru.

Mootii Jaappaan wajjin wal arguun isaanii kan ibsame yoo ta’u, Ministira Muummee Jaappaan dhiyeenya filaman, Taakaayichii wajjinis wal arganii mari’achuuf akka jiran Anadolun gabaaseera.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply