AMN Plus- Onkoloolessa 24/2018
Balaa Kirkira lafaa Afgaanistaanitti mudateen lubbuun namoota 20 ol yoo darbu, kanneen dhibbaan lakkaa’aman madaa’aniiru.
Balaan Kirkira lafaa Reektar Iskeelii 6.3 ta’ee galmaa’e kun Afgaanistaan gama Kaabaatti kan mudate har’a ganama ta’uu anga’ootni biyyattii ibsaniiru.
Waldaan Baatii Diimaa Afgaan bulchiinsota lamatti lakkoofsi balaa lubbuu irra gaheefi hubaatii qaqqabe dabaluu akka danda’u eeruun, kasaaraan diinagdee irra gahe olaanaa ta’uu beeksiseera.
Hojiin lubbu baraaraa hojjatamaa jiraachuu waldaan kun ibseera.
Ministeerri Fayyaa biyyattii hospitaalotni namoota madaa’an yaaluuf qophii gahaa akka taasisan yaadachiisuu Anadolu fi BBC’n gabaasaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin