AMN PLUS- Onkoloolessa 28/2018
Misoomni Kooridarii Magaalaa Adaamaa miidhagsuu qofa osoo hin ta’in iddoowwan bashannanaaf haalan mijataa ta’e akka uumee jiraattonni ibsaniiru.
Hojiin misooma kooridarii kuni bakka bashannanaa, iddoowwan magariisaa daandii biskileetii fi lafoo bakka tapha daa’immanii fi dargaggoota, bakka konkolaataa dhaabuu, fi mana fincaanii ummataa kan hammate yoo ta’u, dhalootaaf taadamee hojjetamuu eeraniiru.
Jiraattonni daa’imman isaanii waliin Paarkii ummataatti bashannanuuf dhufan kanaan dura bakka balfi itti gatamu ta’uu yaadachuun, amma bifti isaa guutummaatti gara naannoo ispoortii fi bashannanaatti jijjiiramuu isaatti gammaduu isaanii ibsaniiru.
Daandiiwwan magaalattii dhiphoon duran konkolaataa fi namoota wajjiin miilaan imaluuf mijataa hin turin sun jijjiiramee amma haala sadarkaa isaa eeggateen bal’atee iddoo magariisaa kan qabu, daandii miilaa fi biskileetii addatti kan qabu maatii isaanii waliin halkanii fi guyyaa deemuuf haala mijataa akka uume dubbatu.
Walumaagalatti misoomni kooridarii magaalattii bareedduu fi jiraattota ishee fi turistootaf haala mijataa kan uume kununsuufi eeggschuun akka barbaachisus ibsuu isaanii TOI gabaaseera.