Foramiin magaalotaa bara kanaa Naannoo Affaaritti gaggeeffama

You are currently viewing Foramiin magaalotaa bara kanaa Naannoo Affaaritti gaggeeffama

‎AMN PLUS – Sadaasa 2/2018

‎Foramiin magaalotaa 10ffaan mootummaa naannoo Affaar magaalaa Samaraa Loogiyaatti akka gaggeeffamu Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa beeksisera.

“‎Guddinni magaalaa olka’iinsa Itoophiyaaf” mata duree jedhuun kan gaggeeffamu fooramii kanaan magaaloti 150 ol kan hirmaatan ta’uu Ministirri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii beeksisan.

‎Foramichi magaalota wal beeksisuu irratti gahee olaanaa akka qabu eeranii kanaanis fayyadamummaa magaalotaa mirkaneessuun akka danda’amu ibsaniiru.

‎Hojiin misoomaa magaalotatti gaggeeffamu ariifachiisuu fi magaalota jijjiiraman baballisuuf foramiichi gahee olaanaa akka qabu Aadde Caaltuun dubbataniiru.

‎Foramiin magaalotaa 10ffaan Sadaasa 6/2018 hanga sadaasa 10/2018 guyyoota 5f Naannoo Affaar Magaalaa Samaraa Loogiyaatti gaggeeffama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply