Dammaqina Oromoo Jaarraatu hubate – Obboleessa Jaarraa Abbaa Gadaa, Dr. Nasraddiin Ibraahim

You are currently viewing Dammaqina Oromoo Jaarraatu hubate – Obboleessa Jaarraa Abbaa Gadaa, Dr. Nasraddiin Ibraahim

‎AMN PLUS – Sadaasa 4/2018

‎Dammaqina waa’ee Oromoo haalaan kan hubate Jaarraa Abbaa Gadaa akka ta’e Obboleessi isaanii Dooktar Nasraddiin Ibraahim ibsan.

‎Qabsoon keessa dabran wareegama guddaa waan gaafatuuf lubbuu oolfachuuf biyya ormaatti godaanuu obboleessi Jaarraa Abbaa Gadaa, Dr. Nasraddiin Ibraahim turtii AMN PLUS Qophii Addaa waliin taasisaniin ibsaniiru.

‎Dooktar Nasraddiin, Obboleessa isaanii hangafa Jaarraa Abbaa Gadaa lafa qabsootti gargaaraa akka turanis ni hima.

‎”Obboleessi kiyya kan biraa dhukkuba busaatiin dhibamee yaala dhaburraa du’aan kan boqatee, ogummaa fayyaa akkan baradhu na taasise” jedhan Dooktar Nasraddiin

‎Dhalootumarraa maatiin isaanii qabsaa’ota kan turan lola “Calii Calanqootiin” akaakkayyuun isaanii akka wareegaman abbaan isaanii itti himuu dubbataniiru.

‎Lubbuu isaanii oolfachuuf biyyaa ba’anii waggoota dheeraaf biyya ormaa kan turan Dr. Nasraddiin Ibraahim jijjiirama booda gara biyyaatti kan deebi’an ta’uu dubbataniiru.

‎”Finfinnee namoonni tokko tokko dhoksuu barbaadanis jijjiiramni magaalattiin saffisaan agarsiiste magaalota Afrikaa dura akka deemtu taasiseeras” jedhaniiru.

‎”Akka kanaan itti fufti taanaan Magaalaan Finfinnee magaalota gurguddoo addunyaatiin akka dorgomtu shakkiin hin jirus“ jedhaniiru.

‎Ogummaa fayyaafi muuxannoo biyya alaatti argataniin hawaasa isaa tajaajiluuf Magaalaa Finfinnee keessatti hojjechaa akka jiranis eeruun, Hospitaala guddaa kutaalee hawaasaa hedduu tajaajilu banuuf karoorfachuu isaanii itti dabaluun ibsaniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatu qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply