Afriikaan Kibbaa Olompiika qopheessuuf fedhii qabaachuu ibsite

You are currently viewing Afriikaan Kibbaa Olompiika qopheessuuf fedhii qabaachuu ibsite

AMN PLUS- Sadaasa 5/2018

Afriikaan Kibbaa taphoota Olompikaa bara 2036 yookaan 2040 qopheessuuf gaaffii dhiyeessuuf murteessuu beeksiste.

Afriikaan Kibbaa carraa yoo argatte seenaa Afriikaa keessatti biyya jalqabaa taati.

Biyyattiin bara 2010tti Waancaa Addunyaa qopheessuun biyya Afriikaa jalqabaa ta’uun ni yaadatama.

Afriikaan Kibbaa Koree Olompiika Addunyaa waliin marii walitti fufaa akka eegaltuuf Kaabineen biyyattii mirkaneessuu Rooyitarsi gabaaseera.

Bara 2004tti Afriikaan Kibbaa Olompiika Addunyaa qopheessuuf gaaffii dhiyeessiteen milkaa’uu baattus amma bu’uuraalee misoomaa ammayyaa waan horatteef akka milkooftu abdii guddaa horatteetti.

Indiyaa, Kaataar, Turkiyeefi Chiliin Olompiika 2036 qopheessuuf gaaffii akka dhiyeessanu dursanii ifoomsaniiru.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply