”Fooramiin Magaalota Itoophiyaa 10ffaan Naannoo Affaar Magaalaa Samaraa Loogiyaatti kabajamuun Affaar ummata jabaafi walabummaa Biyyaaf gumaacha guddaa kaffale ta’uu kan yaadachiisudha” jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Qindeessaan Giddugala Ijaarsa sirna Diimokiraasiifi Pirezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.
Fooramiin Magaalotaa Magaalota jidduutti miira dorgomtummaa qajeelummaa qabu kan uumu waltajjii waloo Misoomni Biyyaa itti agarsiifamu ta’uus Obbo Adaam Faaraah himaniiru.
Mootummaan jijjiiramaa misoomni Magaalotaa Olka’insa Biyyaaf murteessaa ta’uu amanee hojjechaa Jira kan jedhan Obbo Adam, Akka biyyaatti Magaalota 70 ol keessatti hojiin misooma koriidarii hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Waggoottan jijjiiramaa darbanitti hojiin misooma magaalotaafi Maqaa gaarii Biyyaa ijaaraan baayy’inaafi qulqullinaan hojjetamuus Obbo Adam Faaraah dubbataniiru.
Yeroo itti aanutti gaaffiifi rakkoo Bulchiinsa gaarii Magaalotaa adda baasuun deebisaa Magaalonni Itoophiyaa Jiddugala misoomaafi jijjiiramaa akkka Ta’aniif kan hojjetamu ta’uus Obbo Adam himaniiru.
Mgaalonni pilaaniin hogganamaa sirna Bulchiinsa lafaa haqa qabeessaafi jijjiirama eegalame utubuu hojiirra oolchuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuf hojjechuu Akka qabanis Obbo Adam Faaraah dhaamniru.
Sisaay Dirribaatu gabaase