Abbaan Taayitichaa Qondaaltota Kuma 6 ol Leenjisuu eegale

You are currently viewing Abbaan Taayitichaa Qondaaltota Kuma 6 ol Leenjisuu eegale

AMN PLUS-Sadaasa 8/2018

Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee Qondaaltota kabachiisa Dambii Kuma 6 ol Yunivarsiitii Poolisii Federaalaatti Leenjisuu eegaluusaa ibse.

Hoji Gaggeessaa Olaanaan Abbaa Taayitichaa Kumaalaa Zarihuun Tafarraa tajaajila si’ataafi itti quufinsa tajaajilamtootaa mirkaneessuuf, dandeettii Raawwachiisummaa Abbaa Taayitichaa cimsaa deemuun murteessaa tahuufi kaayyicha milkeessuuf Leenjiin qondaalota kanneenii shoora olaanaa kan gumaachu tahuu ibsaniiru.

Qondaaltonni leenjii qaamaafi sammuu fudhataniin itti gaafatamummaa itti kenname Finfinnee Urjii Afrikaafi hawwattuu taate, akkaumas dambiin sirnaan keessatti kabajame dhaloota dhaalchiisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjachaa jiraachuu dubbataniiru.

Bakka bu’aan Yunivarsiitii Poolisii Federaalaafi Hogganaan Damee Ijaarsa Dandeettiifi Leenjii Komaandar Fiqaaduu Geetaachoo, yunivarsiitichi qaamolee poolisiifi nageenyaa biroo nageenya biyyaa eegsisuuf gahumsaafi naamusa qaban leenjisee bobbaasuun itti gaafatamummaa olaanaa bahachaa jiraachuu dubbataniiru.

Magaalaan Finfinnee miidhagdee abaaboo Birraa fakkaachuu ibsanii, miidhagina magaalattii duuba kan jiru kabachiistota dambii tahuu dubbataniiru.

Leenjiin kun ji’oota lamaaf kan laatamu tahuu himameera.

Mahaammad Toofiqtu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply