Magaalaa Samaraa Loogiyaa dabalatee hojiileen misoomaa Naannoo Affaaritti hojjetamaniifi hojjetamaa jiran abdii kan isaanitti hore ta’uu jiraattonni Naannichaa AMN PLUStti himaniiru.
Naannoon Affaar barootaaf hojii misoomaa, diinagdeefi Siyaasa jiddu galeessaa irraa fagaattee kan turtes ta’u mootummaa jijjiiramaan dhimmoonni kunneen seenaa ta’anii, amma naannichatti hojiilee hedduun fayyadamoo isaan taasisan hojjetamaa kan jiran ta’uu jiraattonni naannichaa dubbataniiru.

Hojiin Misooma Kooriidarii Magaalaa Samaraa Loogiyaatti hojjetamaa jirus
Saffisaafi qulqullinaan hojjetamaa akka jiran taajjabuu isaanii jiraattonni kunneen ibsaniiru.
Magaalaan Samaraa Loogiyaa bu’uuraalee misoomaa namooma irratti xiyyeeffatan hedduu guuttachaa jiraachuu isheettis kan gammadan ta’uu jiraattonni kunneen dubbataniiru.
Sisaay Dirribaatu gabaase