Rakkoo Sudaaniif deebiin Idil Addunyaa qindaa’e barbaachisa- Doktar Warqinaa Gabayyoo

You are currently viewing Rakkoo Sudaaniif deebiin Idil Addunyaa qindaa’e barbaachisa- Doktar Warqinaa Gabayyoo

AMN PLUS- Sadaasa 10/2018

Walitti bu’insi Sudaan furmaata waaraa akka argatuuf Hawaasni Idil-Addunyaa deebii qindaa’e akka kennuuf Barreessaan olaanaan IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo waamicha dhiheessan.

Foramiin jila addaa 2ffaa IGAD qopheesse Jibuutiitti gaggeeffameera.

Foramicharratti Barreessaa Olaanaan IGAD Dr.Warqinaa Gabayyoo, qooda fudhattoonni Ardii fi Idil-Addunyaa hirmaataniiru.

Foramichi rakkoo Sudaan jiru deebii qindaa’aa kennuun haala danda’amuratti kan xiyyeeffatedha.

Barreessaa Olaanaan IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo haasaa baninsaa foramicharratti taassisaniin nageenyi Sudaan Sudaanotaan kan gaggeeffamu, tumsi naannawaa kan itti mirkanaa’ee fi Addunyaan sagalee tokkoon kan deeggaru ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Walitti bu’insa Sudaan jiru dhaabsisuuf, lammiilee nagaa eeguu fi naannawa IGAD tasgabbaa’aa gochuuf qindoominaan hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru.

IGAD Gamtaa Afriikaa fi Deeggartoota Idil-Addunyaa waliin ta’uun Sudaanitti walii galtee dhukaasa dhaabuurraa akka ga’u, daandiin deeggarsa namoomaa akka banamee qaqqabuu fi Cehumsi aangoo haqa qabeessii akka jiraatu kutannoon hojjetama jedhaniiru.

IGAD Sudaanonni nageenyi fi tasgabbiin biyyasaanii akka mirkanaa’u akkasumas kabajnisaanii akka eeggamu hawwiin qaban akka milkaa’u deeggarsa barbaachisaa akka taasisu odeeffabnnoosan hubachiiseera. TOI

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply