Badhaasa Taphataa Cimaa Afrikaa bara 2025 eenyutu injifata?

You are currently viewing Badhaasa Taphataa Cimaa Afrikaa bara 2025 eenyutu injifata?

AMN PLUS – Sadaasa 10,2018

Sirni Badhaasa Taphataa Cimaa Afrikaa Bara 2025 har’a ni adeemsifama.

Kaadhimamtoonni xumuraa sadi taphataa Cimaa Afrikaa Bara 2025 ifoomee turuun isaa ni yaadatama.

Haaluma kanaan,taphataan sarara fuulduraa Liivarpuul Mohaammad Saalaah, Ashraaf Haakiimii Paaris Seenti Jarmaniifi Galatasaaraayiif taphachaa kan jiru, Viiktor Osiimeen kanneen badhaasichaaf kaadhimamaniidha.

Mohaammad Saalaah bara darbe waancaa piriimer liigii injifachuun dabalata Liivarpuul keessatti yeroo gaarii dabarseera.

Viiktor Osiimeen gama isaan Liigii Turikiyyeetti hawwattummaa yoo dabaluu, taphattoota ciccimoo sarara fuulduraa keessaa adda duree ta’uu danda’eera. Waancaa Liigichaas Galatasaaraay waliin milkeesseera. gooliiwwan hedduu lakkoofsisuun olaantummaan goolabeera.

Dursaan Taphattoota Garee Biyyaalessa Morookoo Ashraaf Hakiimiin, taphataa badhaasichaaf tilmaama injifannoo olaanaa argateedha. Paaris Seenti Jarman waliin yeroo jalqabaaf Waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan dabalata milkiiwwan garaagaraas gonfateera.

Damee leenjistoota ciccimoon ammoo Keeppi Vardeen yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaa bara 2026 akka dabartuuf gumaacha olaanaa kan taasise leenjisaa buubistaa, leenjisaa olaanaa Garee Biyyaalessa Morookoo Waalid Reegraaguyiifi Akkasumas Leenjisaa Garee Biyyaalessa Umrii 20 Gadii Morookoo Mohaammad Ohaabiin Kaadhimamaniiru.

Waltajjichaan Koorniyaa Lamaaninuu, Garee Biyyaalessa Cimaa, Taphattuu Cimtuu Kubbaa Miilaa, Gooli Eegaa Cimaa, Taphataa Dargaggeessa Cimaa, Goolii Bareedaa Waggaa Dhiiraafi Dubaraa Dabalatee Badhaasonni Garaagaraas Kan Ifooman Ta’a.

Bara Darbe Taphataan Sarara Fuulduraa Atalaantaa Ademoolaa Luukmaan Badhaaasa Taphataa Cimaa Afrikaa Bara 2024 Injifatee Turuun Isaa Ni Yaadatama.

Sirni Badhaasichaa Har’a Galgala Magaalaa Guddittii Morookoo Raabaatitti Ni Adeemsifama.

Dachaasaa Dhaabiitu Qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply