Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Ministira Muummee Maaleezhiyaa Daatoo Sirii Anuwaar Biin Ibraahiim waliin mari’atan.
Dooktar Abiyyi Ahimad Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, bara darbe Maaleezhiyaatti Daawwannaa hojii ergan taasisee waggaa tokko booda Ministirri Muummee Federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Sirii Aniwaar Biin Ibraahim Itiyoophiyaatti simadheera jedhan.
Waljijjiiraan daawwannaa kun michummaa keenyaa kan ibsuu kunis sanadoota guguddoo mallatteessuun cimeera jedhan.
Waliigaltee sanadaa kunis damee tuurizimii, fayyaa, tajaajila geejjiba qilleensaa fi mana maree magaalaa Kuwaalalaampuurifi magaalaa Finfinnee gidduurratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.
Marii gamlamee taasifameenis tumsa qabnu caalmaatti cimsuufi babal’isuuf murannoo waloo qabnu mirkaneessineerra jedhan Dooktar Abiyyi Ahimad.