AMN toftaalee miidiyaa qabu hundaan hojimaata badaa saaxiluu itti fufa- Obbo Kaasahun Gonfaa

You are currently viewing AMN toftaalee miidiyaa qabu hundaan hojimaata badaa saaxiluu itti fufa- Obbo Kaasahun Gonfaa

AMN PLUS- Sadaasa 15/2018

Addis Miidiyaa Neetwoork hojiilee faayidaa biyyaalessaa eegsisan beeksisaa, hojimaata badaa saaxiluu akka itti fufu Hoji Raawwachiisaa Olaanaan AMN Obbo Kaasahun Gonfaa himan.

AMN Guyyaa Farra Malaanmaltummaa Addunyaa, mata duree “Dhaloota Namuusaan, Dhaabbata Hojimaataan” jedhuun kabajeera.

Sirna kabaja ayyaana kanaarratti Hoji raawwachiisaa Olaanaa AMN, Obbo Kaasaahun Gonfaa ergaa dabarsaniin, bu’uurri biyyaa dhaloota waan ta’eef dhaabbileen gara garaa dhaloota naamuusaan ijaaruurratti fuulleffachuu qabu jedhan.

Dhaloota naamuusa gaariin guddisuun maatiirraa akka jalqabuufi manneen barnootaafi dhaabbileen amantaa dhaloota sirriitti bocuuf gahee olaanaa akka qaban ibsaniiru.

Miidiyaan ammoo dhaloota naamusa qabu ijaaruu keessatti gahee adda durummaa waan qabuuf “AMN dhaloota malaammaltummaa dheeffatu uumuuf filmaatilee miidiyaa qabu hundaan hojjetaa jira jedhaniiru” jedhaniiru.

‎Qophiilee dhaloota bashannansiisaa barsiisaaniin akkuma maqaan keenyaa “Sagalee Dhalootaa” ta’e, dhaloota malaammaltummaa dheeffatu ni uumna jechuun Obbo Kaasaahun dubbataniiru.

AMN akka dhaabbataatti, hojimaata diriirsuun malaammaltummaa ittisuu keessatti akka gahee bahataa jiraachuu eeraniiru.

Guyyaan Farra Malaammaltummaa akka addunyaatti yeroo 22ffaaf, akka Itoophiyaatti yeroo 21ffaaf kabajama.

Malkaamuu Abbabaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply