Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Abbootii Qabeenyaafi Miseensota Waldaa Doqdoqqee Waliin nageenya Magaalaa Finfinnee waareessuufi maloota ittisa al-seerummaa irratti mari’atniiru.
Nageenya Magaalaa Finfinnee Waareessuuf hawaasni qaamolee seera qabeessummaa dawoo taasifachuun yakka raawwatan saaxiluu akka qaban Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Obbo Tasfaayee Dandiir ibsaniiru.

Hojii nageenya magaalaa waareessuuf bulchiinsi nageenyaafi tasgabbii Magaalaa Finfinnee taasisu keessatti gaheen hawaasaa olaanaa ta’uu kan himan Obbo Tasfaayeen, hawaasni hojiilee al-seerummaa saaxiluun eeruu kennuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Hojiilee nageenyaafi yakka ittisuuf qooda fudhattoota kanneen akka abbootii qabeenyaafi miseensota waldaa doqdoqqee waliin mariin hubannoo uumuu akka taasifames dubbataniiru.
Leensaa Hordofaatu gabaase.