Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinneefi Federaalaa tibbana leenjii marsaa 2ffaa torbee tokkoof fudhachaa turan, Hojiiwwan Misoomaa magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiru daawwachaa jiru.
Hoggantoonni kunneen daawwannichaan yaada AMN PLUS’f kennaniin hojiiwwan misoomaa magaalattiitti hojjetamaniifi hojjetamaa jiran, Finfinnee akka maqaashee miidhagduufi jiraattota isheef mijattuu taate ijaaruu yaadama jedhu, qabatamaan kan mirkaneessaniidha jedhaniiru.
Daawwannichaanis, Goda Hambaa Saayinsii,Hojii misooma qarqara laggeenii, Hospitaala Yaadannoo Zawudituu,Giddu Gala Tajaajila Iddoo Tokkoo Addis Masoobiifi Paarkii Araadaa daawwataniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.