Daayirektarri Abbaa Taayitaa Eegumsa Bineensa Bosonaa Itoophiyaa Kumarraa Waaqjiraa badhaasa “TUSK Conservation 2025” Mootii Weelsi irraa fudhatan.
Obbo Kumarraan waggoota 30 oliif eegumsa naannoofi bineensa bosonaa Itoophiyaafi Gaanfa Afriikaatti hojjetaniif beekamtii argataniiru.
Paarkiiwwan biyyaalessaa 27 keessatti hojiilee hojjetaniin hawaasa naannoo waliin ta’uun eegumsa bineensa bosonaan hojii bu’a gabeessa hojjechuu dhaabbanni Tusk Conservation eereera.
Tagany Bafiqaadu gabaase