Manni Marichaa wixinee tarsiimoo ‘Itoophiyaa Dijitaalaa 2030’ raggaasisuun Mana Maree Ministirootaaf qajeelche

You are currently viewing Manni Marichaa wixinee tarsiimoo ‘Itoophiyaa Dijitaalaa 2030’ raggaasisuun Mana Maree Ministirootaaf qajeelche

AMN PLUS- Sadaasa 17/2018

Manni Maree Ce’umsa Dijitaalaa Biyyaalessaa walga’ii idilee 4ffaan kallattiiwwan kaa’ee ture har’a raawwiisaanii qorachuu Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa himan.

Obbo Tamasgeen miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Manni Maree Ce’umsa Dijitaalaa walga’ii idilee 5ffaa taa’uu eeraniiru

Walga’ii kanaan raawwii waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa, raawwii Inisheetiivii koodarsii miiliyoona 5 qorachuun kallattii fuulduraas kaa’uu eeraniiru.

Hojiileen diijitaalaa akka biyyaatti eegalaman, tarsiimoo Itoophiyaa Dijitaalaa waliin karaa walsimuun hagam gaggeeffamaa jiru kan jedhu gamaggamuus himan.

Manni Marichaa wixinee tarsiimoo ‘Itoophiyaa Dijitaalaa 2030’ irratti gadifageenyaan mari’atee raggaasisuun gara Mana Maree Ministirootaatti qajeelcheera.

Ijaarsi diinagdee djitaalaa Itoophiya olka’iinsa guddaarra waan jiruuf manni marichaas gahee isaa sirnaan bahachuu cimsee itti fufa jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply