Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP 32) haala milkaa’aan keessummeessuuf haalota dandeessisan irratti qooda fudhattoota waliin mari’achuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen himan.
Finfinneen bara darbe yaa’iiwwan addunyaalessaa 150 ol milkaa’enaan keessummeessuun magaalaa filatamtuu ta’uushee akka mirkaneessite kan yaadachiisan Aadde Adaanech, bara 2018 haga ammaa taateewwan 105 keessummeessuu eeran.
Milkaa’ina kanneeniif tumsi mootummaafi dameelee dhuunfaa olaanaa ta’uu himan.
Har’as abbootii qabeenyaafi hawaasa daldalaa magaalaa Finfinnee waliin Yaa’ii COP 32 caalmaan milkeessuuf marii bu’a qabeessa taasisuu Aadde Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeraniiru.