Bu’uuraalee seeraa fi wixinee imaammata aartii qophaa’e irratti mariin adeemsifamaa akka jiru ibsame.
Ministeera Aadaa fi Ispoortiitti Deetaan Ministira Damee Aartii Nabiyyuu Baayyee hambaalee madda aartii ta’an biyyaa Itoophiyaa keessatti argaman tarreessun bifa walalootiin hirmaattoota waltajjii kanaaf marii saaqaniiru.
Itoophiyaa kan guddisaaniifi guddummaa biyyatti hanga har’atti kan itti fufsiisaa jiru Aartiin bakka guddaa akka qabu Nabiyyuun dubbataniiru.
Dhimma aartii karaalee baay’een ilaaluun akka danda’amu kan himan Deetaan Ministira kuni, Faayidaa xiinsammuu irraa kaasee hanga ijaarsa biyyaatti faayidaan aartii guddaa akka ta’e ibsaniiru.
Hojiilee misoomaa Magaalaa Finfinnee keessatti hojjetaman misooma kooriidariifi qarqara laggeenii, adeemsa deebisanii misoomsuun kan argaman aartiiwwan dinqisiisoo bu’uuraalee misoomaa kanneen akka daawwatanis waltajjii kanarratti kaasaniiru.
Waltajjiin marii Aartii fi Indaastirii kalaqaa artistoota Itoophiyaa walitti fide kuni wixinee sanada aartii, seera aartii, wixinee qajeelfama waldaalee gurmeessuu, akkasumas gahee aartistoonni dantaa biyyaalessaa keessatti qaban irratti xiyyeeffatee eerameera.
Sadarkaa Ministiraatti Gorsaan Dhimma Hawaasummaa Ministira Muummee Daani’eel Kibrat “Qormaatni Itoophiyaa Kaleessaa Baandaafi Alagaadha”mata duree jedhuun yaada marii dhiyeesseera.