Finfinneetti tajaajila yeroon barbaadu jiraattotaaf kennuuf xiyyeeffoo olaanaadhaan hojjetamaa jira- Dr Jamaaluu Jambar

You are currently viewing Finfinneetti tajaajila yeroon barbaadu jiraattotaaf kennuuf xiyyeeffoo olaanaadhaan hojjetamaa jira- Dr Jamaaluu Jambar

AMN Plus-Mudde 07, 2018

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Kenna tajaajilaa ammayyeessuun rakkoo kenna tajaajilaa hundeerraa furuuf xiyyeeffoon hojjechaa jiraachuu, Sadarkaa Kantiibaa Itti aanaatti,Hoggannaan Biiroo Paabilik Seervisiifi Misooma Humna Namaa Magaalaa Finfinnee Dr. Jamaaluu Jambar himan.

Biirichi Kenniinsa Tajaajilaa ammayyeessuu ilaalchisee Qooda fudhattoota waliin marii gaggeessaa jira.

Jijjiiramaan asitti rakkoowwan kenniinsa tajaajilaa furuuf, dhaabbilee hawaasaaf tajaajila kennan irratti rifoormiin taasifame,kenna tajaajilaa irratti jijjiirama qabatamaa argamsiisaa jiraachuu, Dr. Jamaaluun ibsanii, Keessumaa Tajaajilli iddoo tokkoo Addis Masoob rakkoowwan mudachaa turan hundeerraa furuu danda’eera jedhaniiru.

Yeroo hundaa rakkoo lakkaa’aa hin oollu jechuun bulchiinsi magaalaa Finfinnee bara kana kenniinsa Tajaajilaa ammayyeessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Waltajjii marii kanarratti Abbootiin Gadaa Abbootiin Amantaafi Qaamoleen dhimmichi ilaallatu argamaniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply