AMN diraamaa maatii gosa isaan adda ta’e eegaluufi

You are currently viewing AMN diraamaa maatii gosa isaan adda ta’e eegaluufi

AMN PLUS- Mudde 7/2018

Addis Miidiyaa Neetiwork diraamaa Afaan Amaaraa walitti fufaa gosa isaan adda ta’e “Wub Addis” eegaluuf waliigaltee mallatteesse.

Waliigalticha Hoji Raawwachiisaa Olaanaan AMN Obbo Kaasahun Gonfaa fi Hogganaan Teedii Istuudiyoo Tewidiroos Tashoomaa mallatteessaniiru.

Diraamaan kun Daayirektara fiilmiiwwan idil addunyaa injifateefi biyya keenyatti hedduu dinqisiifatamu Tewidiroos Tashoomaan barraa’e, Daayirektarris isuma.

“Wub Addis” jalqaba dorgommii kennaa taatummaa qopheessuun, taatoo dargaggoota, taatoo gameeyyii waliin kan waliin hojjechiisu ta’uu beekameera.

Dhaabbanni Teedii Istuudiyoo fiilmiiwwan akka “Abbaay Wayis Veegaas, Qazqaazzaa Walaafan, Fiqir Sifard, Soost Maa’izan”, akkasumas dhiyeenya sadarkaa Afriikaatti kan badhaafame “Sile Innaat Midir” qopheessuun beekama.

Eefreem G/masqalitu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply