Amajjii 23 kaasee labsiin itti fayyadama korojoo pilaastikaa dhorku hojiirra oola

You are currently viewing Amajjii 23 kaasee labsiin itti fayyadama korojoo pilaastikaa dhorku hojiirra oola
Plastic bag

AMN PLUS – Mudde 14/ 2018

Amajjii 23 irraa eegalee Labsiin korojoo Pilaastika faayidaa yeroo tokkoof oolu dhorku hojiirra akka oolu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itoophiyaa beeksise.

Abbaan Taayitichaa hojiirra olmaa Labsii kanaa ilaalchisuun qaamolee dhimmi ilaalu waliin marii taasisaa jira.

Labsii Qabiinsa Balfa gogaa 1383/2017 Keeyyata 25(1) jalatti namni Korojoo pilaastikaa faayidaa yeroo tokkoof qofa oolu qabatee argamee fi Itti fayyadame qarsii Kuma 2000-5000 akka adabamu ibsa. Keewwata xiqqaa lama (25/2) jalatti ammoo dhaabbilee seera kana Cabsan irratti adabbiin isaa dachaa sadii akka ta’u tumameera.

Wixinee labsii kanaa qopheessuun dura oomishtoota, dhaabbilee mootummaa fi qaamolee dhimmi ilaalu biroo waliin marii walirraa hincinne waggaa lamaaf ta’amuu Daayirektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itoophiyaa Injinar Lalisee Namee ibsaniiru.

Balfi pilaastikii dafee kan hin banne, hanga waggaa 100 lafa keessa turuu kan danda’uufi fayyaa namaa, bineeldotaa fi bineensotaa irratti dhiibbaa guddaa akka fidu Injinar Laliseen himaniiru.

Balfi gogaan kun naannoo, bishaan, qilleensaa fi biyyoollee kan faaluu waan ta’eef namuu korojoowwan biroo kana bakka bu’uu danda’an fayyadamuu akka qabaa ibsaniiru.

Dhaabbileen oomishtootaa korojoowwan kanneenii, pilaastikaan oomishuu fi alaa galchuu dhiisanii kan biraa akka oomishaniif deeggarsi akka taasifamuuf Abbaan taayitichaa dhaabbilee mootummaa biroo waliin ta’ee hojjataa jiraachuu waltajjii marii har’aa kana irratti Daayirektarri Abbaa Taayitichaa Injinar Laliseen dubbataniiru.

Korojoowwan pilaastikaa faayidaa yeroo tokkoof oolan bakka bu’uu kan danda’an korojoowwan waraqaa fi galteewwan biroo irraa hojjataman akka oomishaniif mootummaan dhaabbilee Interpiraayizoota xixiqqaa fi giddugaleessaa ijaaraa fi babal’isaa jiraachuus kaasaniiru.

Sochii Itoophiyaa qulqulloofte uumuu jedhu mirkaneessuuf labsiin qabiinsa balfa gogaa 1383/2017 kun gahee olaanaa akka qabuu fi misooma kooriidaraa fi qarqara laggeenii babal’isuu fi dhugoomsuu keesaattis shoora olaanaa akka qabu Injinar Laliseen ibsaniiru.

Waltajjii marii kana irratti Dhaabbileen Oomishtootaa, Dhaabbileen dhunfaa kan akka Baankotaa fi Dhaabbileen Mootummaa kan akka Ministeera Indaastarii, Ministeera Hojii fi Ogummaa, komishinii Investimantii faan argamaniiru.

Bayyanaa Taaddasaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply