Finfinneen agarsiistuu qabatamaa ilaalama Paartii Badhaadhinaati- Obbo Mogas Baalchaa

You are currently viewing Finfinneen agarsiistuu qabatamaa ilaalama Paartii Badhaadhinaati- Obbo Mogas Baalchaa

AMN PLUS- Mudde 23/2018

“Ilaalaamni Paartii Badhaadhinaa jecha qofa osoo hin taane gocha qabatamaan hojirra oolaa jiraachuu isaaf Magaalaan Finfinnee agarsiistuu dha” jedhan Paartii badhaadhinaatti Itti Gaafatamaan Damee Magaalaa Finfinnee Obbo Mogas Baalchaa.

Obbo Mogas Paartiin Badhaadhinaa gaaffifi fedhii hawaasaa siyaas-dinagdee itti dhiyeenyaan hordofuun furmaata waaraa kennaa kan jiruu ta’uu eeruun, kanaafis hojiileen Magaalaa Finfinnee keessatti hojjetaman agarsiistuu guddaa ta’uu kaasaniiru.

“Paartii jabaa fi Mootummaa jabaa biyya cimtuu ijaaruuf” Mata duree jedhuun sagantaan gurmaa’insa paartii modeelaa ta’an wal dorgomsiisuu adeemsifamaa jira.

Dorgomichi hojiilee misoomaa hawaasa hirmaachisuun hojjetaman, namooma giddu galeefachuun aantummaafi imala badhaadhinaa milkeessuu irratti kan xiyyeeffate akka ta’e ibsameera.

Gurmaa’insi paartii modeelaa hojiilee namoomaa, imala badhaadhinaa milkeessaaniifi kanneen biroo hojjeechuun bu’aa gaarii galmeessaaniif beekamtiifi badhaasni kan kennamu ta’uu beekameera.

Sagantichis bakka hooggaantootni fi miseensootni paartichaa argamanitti kutaa Magaalaa Booleetti adeemsifamaa jira.

Leensaa Hordofaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply