Jijjiiramni hayyootni hawaasaa keessatti fidan gara Badhaadhinaatti biyya ceesisa- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Jijjiiramni hayyootni hawaasaa keessatti fidan gara Badhaadhinaatti biyya ceesisa- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS-Mudde 24/2018

Jijjiiramni hayyootni hawaasaa keessatti fidan gara badhaadhinaatti akka biyya ceesisu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan.

Ministirri Muummee ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, yaadni humna jijjiiramaa tahuu kaasuun hayyootni ammoo bakka buutota jijjiiramaa akka tahan ibsaniiru.

Dabalataanis, Hayyootni yaada kan dhiyeessaniifi kan kabajan tahuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hayyootni sirriitti xiinxaluu, dubbisuu akka qaban ibsuun, akkoo kan hiikaniifi furmaata kan barbaadan tahuu akka qaban illee yaadachiisaniiru.

Dooktar Abiyyi Yunivarsiitiin Finfinnee guyyaa har’aa hundeeffama isaa waggaa 75ffaa wayita kabajatu waraqaa qorannoo dhiyeessuun akka qooda fudhatan kaasaniiru.

Waltajjii kana irratti hayyootni Itoophiyaa dhimmoota biyyaalessaa gama maraa keessatti haala itti qooda isaanii bahatan irratti mari’achuu ibsaniiru.

Mootummaan Ida’amuu dhaabbileen barnoota olaanaa imaa badhaadhina biyyaa keessatti gahee bakka hin bu’amne akka qaban kan amanu tahuu ibsuun, gochaanis agarsiisaa jiraachuu caqasaniiru.

Dhaabbileen Barnoota Olaanaa baruufi barsiisuun akkasumas hojiilee qorannoo teekinooloojiin wal simsiisuun gara kalaqaafi gochaatti jijjiiruu akka qaban eeruun, kunis badhaadhina Itoophiyaa gahumsa ida’ameen ariifachiisuuf akka shoora guddaa qabu ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply