Seenessa walootiin caba hundaa suphuu ni dandeenya – Obbo Kaffaaloo Tafarraa

You are currently viewing Seenessa walootiin caba hundaa suphuu ni dandeenya – Obbo Kaffaaloo Tafarraa

AMN PLUS – Amajjii 4/ 2018

Waltajjiin ijaarsa seenessa waloo irratti xiyyeeffate Magaalaa Jimmaatti taa’amaa jira.

Waltajjicharratti Hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa ergaa dabarsaniin seenessi waloo hariiroo obbolummaa tokkummaa sabdaneessuummaarratti hundaa’e uummattoota gidduutti akka uumamu kan taasisuudha jedhan.

Seenessa waloo sirnaan yoo hojiirra oolchine caba diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa dhalootaa dhalootatti darbaa dhufe suphuun kan danda’amu ta’uus obbo Kaffaaloon ibsaniiru.

Diinonni Itoophiyaa dadhabsiisuu fi diiguuf wantota garaagarummaa babal’isanii fi walshakkii uuman irratti xiyyeeffannoon hojjechaa turuu kaasaniiru.

Ijaarsa seenessa waloof gahee hayyootaa olaanaa waan ta’eef tumsuu akka qabanis Obbo Kaffaaloon dhaamaniiru.

Waltajjii kanarratti hoggantoonni mootummaa olaanoon, hayyoonni, abbootiin amantii, hoggantoonni dhaabbilee miidiyaa, artiistonni, namoonni dhuunfaa dhiibbaa uumuu danda’anii fi kutaaleen hawaasa adda addaa bakka bu’an irratti hirmaachaa jiru.

Mangashaa Daargeetu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply