Oromiyaatti Duulli Hojii Kunuunsa Biyyee fi Bishaanii guyyaa 60’f turu eegale

You are currently viewing Oromiyaatti Duulli Hojii Kunuunsa Biyyee fi Bishaanii guyyaa 60’f turu eegale

AMN PLUS- Amajjii 5/2018

Biiroon Qonnaa Oromiyaa duula tola ooltummaa kunuusa biyyeefi bishaanii guyyaa 60’f turu godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti eegalchiiseera.

Saganticha kan eegalchiisan Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu “hawaasni gola Oromiyaa hundi bu’aa kunuunsa qabeenya uumamaa sirriitti hubateera” jedhan.

Kanaanis hojii baroottan darban hojjetamaniin Laggeen Oromiyaa gogan mirgisuu eegaluu kaasuun, “uwwisni bosonaa % 17 tti gadi bu’ee ture gara % 29 tti guddateera” jechuun kaasaniiru.

Qonnaan bulaan qe’ee isaatti damma, kuduraa fi muduraa akkasumas horsiisa beelladaa irraa fayyadamaa akka ta’e ibsaniiru.

Bara kanas Sululootni Oromiyaa lakkoofsaan hedduu ta’an adda baafamanii, Biqiloota bara darbe dhaabbatan kunuunsuu fi Ashaaraa magariisaa bara 2018’f boqonnaan qophii taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Bulchaan Godina Buunnoo Beddellee Obbo Amaan Danuu gama isaanitiin godinichi oomisha dammaatiin kan beekamtu ta’uu ibsanii, hojiin Kunuunsa qabeenya uumamaa madaala qilleensa uumama hundaaf mijataa taasisuun cinaatti namoota hedduuf carraa hojii kan uume ta’uu ibsaniiru.

Jiraattonni Godina Buunnoo Beddellee Sagantaa kunuunsa biyyee fi bishaani kana irratti hirmaatanis “lafa keenya kunuunsuun irraa fayyadamaa dhaloota itti aanutti dabarsuun murteessaa dha” jechuun himan.

Sagantaan Duula Kunuunsa Biyyeefi Bishaanii kun gola Oromiyaa hunda keessatti guyyaa 60’f kan gaggeeffamu yoo ta’u, sagantaa ifatti eegale kana irratti, Hooggantoonni Naannoo, Godinaafi Jiraattotni sadarkaan jiran hirmaataniiru.

Geetaahun Katamaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply