Ayyaana Cuuphaa Hara Dambal, uumaama waaqaatu adda taasisa- Liiqatiguhaan Alaqaa Ermiyaas H/Goorgis

You are currently viewing Ayyaana Cuuphaa Hara Dambal, uumaama waaqaatu adda taasisa- Liiqatiguhaan Alaqaa Ermiyaas H/Goorgis

‎AMN PLUS – Amajii 6/2018

‎Sirna kabaja ayyaana cuuphaa bara kana magaalaa Baatuutti karaa adda ta’een kabajuuf qophiin taasifamuu Mana Amantsa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Hoji-Gaggeessaa Olaanaa Kutaa Lallabaa Magaalaa Baatuufi Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Liiqa Tiguhaan Alaqaa Ermiyaas H/Goorgis himan.

AMN Dijitaal waliin turtii kan taasisan Liiqa Tiguhaan Alaqaa Ermiyaas H/Goorgis Gondaritti bishaan nam-tolchee irratti ayyaanichi kan kabajamu ta’uu eeruun, magaalaan Baatuu Hara Dambalfi Odolawwan waaqni uume of keessaa qabaachuu hara uumamaa irratti kabajuun adda akka taasisu himaniiru.

‎Hara uumamaa kana irratti Odolawwan haga 4 tti taabonni simatamee eebbifamuun bidiruu irra kaa’amee hara kana irra cee’ee gara Bocceessaa akka deemu kaasan.

“Kunis seera durumaa kaasee Abbootiin amantaa keenyaa raawwachaa turan waan qabnuuf , Bataskaana 6 keessaa walitti qabamee sirni kun agaggeefama jedhaniiru.

M‎agaalaa qulqulleessuufi hojiiwwan ayyaanichaaf qophaa’an hundaa hawaasa keenya amantaa biroo hordofantu nu waliin dhaabbatee qopheessa jedhaniiru.

‎”Mootummaanis jijjiirama guddaa fideen bakki Hara Dambal dur foolii hin tollee qabu har’a miidhagee bakka cuuphaa itti gaggeesinu mijataafi hawwataa ta’eera” jedhani.

‎Ayyaanicha irrattis jedhani Liiqa Tiguhaan Alaqaa Ermiyaas sagantaaleen tokkummaa, jaalala nagaa labsan akka qophaa’an himaniiru.

‎Ayyaannichi kaaraa adda ta’een milkaa’ee akka adeemsifamuuf Koreewwan hundaa’uun, Bulchiinsi Magaalaa Baatuus xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Hoji-Gaggeessaa Olaanaa Kutaa Lallabaa Magaalaa Baatuufi Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Liiqa Tiguhaan Alaqaa Ermiyaas H/Goorgis turtii AMN Dijitaal waliin taasisaniin himaniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply