Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Hoji Raawwachiisaa Dhaabbata beekamaa addunyaa Keerfoor (Carrefour), Laas Faargasiifi Itoophiyaatti Ambaasaaddara Faransaayi Aleeksiis Laameek waliin mari’atan.
Kantiibaa Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin, dhimmoota carraa invastimantii tarsiimowaa magaalaa Finfinnee irratti marii bu’a qabeessa taasisuu eeraniiru.
Tattaaffiin magaalaa Finfinnee giddugala daldalaafi invastimantii taasisuu cimee itti fufa jedhaniiru Kantiibaan Adaanech Abeebeen.
Bu’uura waliigaltee ‘Carrefour’ Giruuppii Invastimantii MIDROC waliin mallatteesseen haala mijataa gabaa Itoophiyaa ittiin seenuu danda’u fayyadamuun walitti hidhamiinsota daldalaa sadarkaa idil addunyaa eeggatan cimsuufi biraandiiwwan idil addunyaa bebbeekamoo gara magaalichaatti fiduuf waliin hojjechuuf waliigalleerra jedhan.