A-Masoob tajaajila socho’aa eegaluuf akka jiru beeksise

You are currently viewing A-Masoob tajaajila socho’aa eegaluuf akka jiru beeksise

AMN PLUS- Amajjii 19/2019

Tajaajilli Giddu Gala Tokkoo Addis Masoob tajaajila socho’aa akka eegalu beeksise.

Daayirektarri Olaanaa A-Masoob Obbo Yoonaas Alamaayyoo turtii AMN PLUS waliin taasisaniin akka ibsanitti Tajaajilli Giddu Gala Tokkoo kun bifa socho’aa akka kennamu kan barbaachiseef itti quufiinsa maamilaa dabaluuf akka ta’e ibsaniiru.

Baatiiwwan ja’an darbanitti, “Tajaajilli Giddu Gala Tokkoo A-Masoob, tajaajiloota gara garaa bakka tokkotti fiduun dadhabbii tajaajilamtootaa hir’iseera’ jechuun dubbataniiru.

Obbo Yoonaas, tajaajilicha teekinooloojiin deeggaruun hojmaata badaa xiqqeessuu ibsuun kunis wal amantaa mootummaafi uummata jidduutti akka jiraatu hojjatamaa jiraachuu kaasaniiru.

Akka bulchiinsa magaalaa Finfinneetti itti gaafatamummaan isaanitti kenname olaanaa ta’uu eeruun baatiiwwan ja’an 6’n darbanitti dhaabbilee 13 gara giddu gala tajaajila kanaatti fiduun giddu gala tokko irraa maammilootni kuma 55 ol ta’an akka tajaajilaman taasisuu ibsaniiru.

Maammiltootni yeroo humnaafi maallaqa isaanii qusachuun dadhabbii tokko malee tajaajila dijitaalaa argachuu kan ibsan Daayirektarri Olaanaan kun kanaanis itti quufiinsi maamilaa sadarkaa olaanaan akka dabale ibsaniiru.

Itti quufiinsa maamilaa kana daran dabaluuf ji’oota ja’an dhufanitti dameelee tajaajila A-Masoob heddummeessuufi tajaajila masoob socho’aa ta’e hojii irra oolchuuf akka hojjatan eeraniiru.

Tajaajilli A-Masoob kutaa magaalaa ykn aanaatti kan daanga’e akka hin taane eeruun, tajaajila dhaabbilee muraasaan daanga’u waan hin taaneef iddootii iddootti socho’uun tajaajila kennuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

A-Masoob ji’oota itti aanan 6’tti tajaajila socho’aa kennuun tajaajila giddu gala tokkoo dhaqqabaafi ammayyaa teekinooloojii dijitaalaan deggerame maamilootaaf kennuu akka itti fufu beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply