AMN PLUS- Amajjii 27/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen barsiisota kuma 6 fi 194 waldaa 57’n gurmaa’aniif lafa hektaara 40 birrii biliyoona 24’tti tilmaamamu biliisaan dhiheessuun ijaarsa eegalchiisuu himan.
Barsiisota qosannaa %25 raawwataniif, bulchiinsi magaalaa ammo baankii waliin ta’uun liqii yeroo dheeraa %75 mijeessuun, lafa tilmaama liizii birrii biiliyoona 24tti tilmaamamu hektaara 40 bilisaan dhiyeessuu Aadde Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin beeksisaniiiru.
Mootummaan beenyaa birrii biliyoona 5 ol ta’u haguuguun barsiisona waldaan ijaaree, hojii diizaayina raawwachuun, kontiraaktaroota ijaaran adda baasuun deeggarsa taasiseera, kanaanis barsiisotaaf kabaja qabnu gochaan agarsiisneerra jedhan.
Guyyaan kun barsiisota dhaloota boriifi biyya isaanii ijaaraa jiraniif guyyaa misiraachooti jedhaniiru Kantiibaa Adaanech Abeebee.
“Har’a kan eegalchiisne ijaarsi manaa waldaa barsiisotaa rakkoo tokko malee gabatee yeroo kaahameefiin akka xumuramu hordoffii fi deeggarsa barbaachisu taasisuu keenya itti fufna” jedhaniiru.
Barsiisota dabalatee hojjettoota mootummaa biroo gurmaa’aniinis jabaadhaa jechuun barbaada jedhaniiru.
Dabalataanis “hin danda’amu, hin milkaa’u” yaadota jedhaniif bakka osoo hin laatin, saffisaan gurmooftanii qusachuun adda duree kan taatan barsiisotaan baga gammaddan jechaa, eebba manneeniif akka wal arginu amantaa guutuun qaba jedhaniiru.