Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Paartiin Dimookiraatawaa Walloo (PDW) Filannoo Marsaa 7ffaaf qophii taasisuu ibsan

You are currently viewing Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Paartiin Dimookiraatawaa Walloo (PDW) Filannoo Marsaa 7ffaaf qophii taasisuu ibsan

AMN PLUS- Guraandhala 20/2018

Karaa dimookiraasiin ittiin mirkanaa’u keessaa filannoon isa tokko waan ta’eef, Paartileen siyaasaa Boordii Filannoo Biyyaalessatti galmaa’uun filannoo baranaa irratti injifachuuf adeemsa ittiin danda’an keessaa tokko kan ta’e wal morkii yaadaa miidiyaa irratti gaggeessan eegalaniiru.

AMN PLUS wal morkii paartilee morkattootaa lama jechuunis Adda Bilisummaa Oromoo ABO fi Paartii Dimookiraatawaa Walloo PDW, Filannoo Waliigalaa Marsaa 7ffaaf qophii taasisaa jiran ilaalchisee yaada kennanirru.

Itti gaafatamaan Sab-Quunnamtii ABO Obbo Lammii Gammachuu, Miseensi Koree Hoji Raawwachiistuu PDW Obbo Mohaammad Boruu karaan ittiin qabsoo uummataa galmaan geenyu filannoo waan ta’eef carraa jirutti fayyadamuun filannoo marsaa 7ffaaf qophaa’aa jirra jedhaniiru.

Obbo Lammiin, “jaarmiyaa siyaasaa yoo taatu karaa ittiin uummata kee bira akeeka kee dhaqqabsiistu hundumaatti dhimma ba’uun uummata bira gahuuf qophiitti jirra” erga jedhanii booda, kunis bu’uura hogganni ABO qabsoo qawwee dhiisuun gara qabsoo sagaleen mootummaa tahuutti amanee waadaa uummataafi jaallewwaniif seenuun Fulbaana Bara 2018tti (ALA) gara biyyaatti deebi’e milkeessuuf kan daandii aanjessu ta’uu ibsaniiru.

ABO’n waadaa sana haaromsuufi irbuu sanaaf dhaabbachuuf cichoomina maayii agarsiisuuf yoo gaaffii qabaatelle, carraa filannoo kanatti ammo fayyadamuuf galmaa’uun filannoof qophaa’aa jiraachuu ibseera.

Miseensi Koree Hoji Raawwachiistuu PDW Obbo Mohaammad Boruu gama isaaniin qophiin filannoo kan taasifamu yeroon filannoon gahee baatiiwwan muraasni hafan osoo hin taane waggoota shanan darbetti ta’uu kaasuun filannoof haala mijeessuuf shoorri paartilee siyaasaa murteessaa tahuu AMN PLUS’tti himaniiru.

Paartiin biyya bulchuufi mootummaan akkasumas paartileen morkattootaa milkaa’ina filannoof waliin qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Sirni Gadaa sirna dimookiraasii ammayyaaf fakkeenya guddaa ta’uu kan eeran qondaaltotni paartilee morkattootaa kunneen akkaataan aangoon itti darbuu qabus karaa duudhaa fi safuu hawaasaa eegeen tahuu akka qabus hubachiisaniiru.

Kanaafuu Sirna Gadaa of dura qabuun sirna bulchiinsa biyyattii kallattii kanaan gaggeessuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Filannoon Waliigalaa Marsaa 7ffaa haqa qabeessa, amanamaa, dimookiraatawaa fi hirmaachisaa akka ta’uuf qaamoleen hundumtuu gahee isaanii akka bahan qondaaltotni Paartilee morkattoota kanneenii waamicha dhiyeessaniiru.

Paartileen siyaasaas miseensota isaanii naamusa barsiisuufi wal morkiin adeemsifamu yaada irratti waan ta’eef carraa argame kanatti dhimma bahuun olaantummaa yaadaan sagalee argachuuf cimanii kan hojjatan ta’uu ibsaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply