Itoophiyaan Afriikaarraa toora biyyoota dinagdee guddaa ijaaraniirra geesseetti – Kaasaahun Gofee (PhD)

You are currently viewing Itoophiyaan Afriikaarraa toora biyyoota dinagdee guddaa ijaaraniirra geesseetti – Kaasaahun Gofee (PhD)

AMN PLUS – Bitootessa 07/2018

Waltajjiin marii mata dureen isaa “Itoophiyaa bakka gahumsa invastimantii haaraa” jedhu qopheessummaa Tajaajila Oduu Itoophiyaafi Komiishinii Invastimantii Itoophiyaatiin gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti kan argaman Ministirri Daldalaafi Walitti Hidhaminsa Naannawaa Kaasaahun Gofee (PhD) ergaa dabarsaniin riifoormii dinagdee gooroo akka biyyaatti taasifame hordofee bu’aa argameen Itoophiyaan toora biyyoota Afrikaa dinagdeen jijjiirama guddaa fidanii akka hiriirtu gargaareera jedhaniiru.

Misoomaafi guddina arifachiisaa biyyi keenya galmeessaa jirtu caalmaatti saffisiisuuf carraa Invastimantii alaa kallattiin babal’isuun murteessaa tahuus dubbataniiru.

Biyyattiin humna namaa barateefi humna oomishaa kan tahe dargaggoota baay’inaan qabaachuun, dhiyeessii anniisaa gahaa qabaachuun cinaatti naannawa Gaanfa Afrikaatti argamuun ishee, oomishaalee kamuu salphaatti gabaa Addunyaaf dhiyeessuuf haalli mijataan jiraachuus Ministirichi eeraniiru.

Komiishinarri Komiishinii Invastimantii Itoophiyaa Komiishinar Zallaqa Tamasgeen (PhD), gama isaaniin komiishinichi erga hundaa’ee kaasee, riifoormii dinagdee gooroo taasifameen invastimantiin alaa kallattiin Doolaarri Biiliyoona 18.6 gara biyyaa dhufuun dinagdee biyyatti tumsuu ibsaniiru.

Komiishinarichi kunis Itoophiyaan Afrikaarraa invastimantii alaatiin kallattiin sadarkaa 2ffaarra kan jirtu tahuu eeruun, sadarkaa duraatti akka dhuftuuf cichoominaan kan hojjatamu tahuu dubbataniiru.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Tajaajila Oduu Itoophiyaa Obbo Seeyifa Darribeen, Tajaajilichi itti gaafatamummaa mul’ata biyyoolessaa itti laatame gahumsaafi amanamummaan bahachaa jiraachuu dubbachuun waltajjiin akkasii humna biyyattiin qabdu beeksisuuf shoora olaanaa kan qabu tahuu himaniiru.

Gabaasni kan Mahaammad Toofiq

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply