AMN PLUS – Bitootessa 07/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen abbootii amantaafi hoggantoota Mana Amantaa Ortodoksi Tewaahidoo Itoophiyaa waliin mari’atan.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti ergaa dabarsaniin Itoophiyaan biyya amantii hedduu qabdu ta’uu ibsaniiru.
Aadde Adaanech marii mata duree “Dhaabbilee Amantaa Ilaalcha Mootummaa Ida’amuutiin” jedhuun abbootii amantaa fi hooggantoota Mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Ityoophiyaa waliin marii bu’aa qabeessa gaggeessu himan.
Itoophiyaan biyya amantaa hedduu qabdu ta’uu kan ibsan kantiibaa Adaanech, manni amantaa Ortodoksi Tawaahidoo dhaabbilee amantaa biroo waliin ta’uun Itoophiyaa har’aa ijaaruu keessatti ga’ee olaanaa taphatteetti jedhan.
Keessattuu, ijaarsa mootummaa, hambaalee durii fi duudhaa seenaa kunuunsuu, safuu fi gara laafina barsiisuu, hariiroo ummataa cimsuu keessatti manni amantaa Ortodoksii gahee olaanaa taphachuu ishee ibsaniiru.
Marii kanaanis, seenaa qofa osoo hin taane waggoota jijjiiramaa darban keessattis gumaacha manni amantaa kun nageenya hunda-galeessa ijaarsa, misoomaafi imala badhaadhina waliigalaa magaalattii keessatti gumaacha isheen taasiste irratti bal’inaan mari’atamuu ibsaniiru.
Kantiibaa Adaanech walitti dhufeenya ummattootaa cimsuuf, nageenya mirkaneessuuf, badhaadhina Itoophiyaa fi dantaa biyyaalessaa dagaagsuuf waliin hojjechuuf waliigalteerra ga’uu isaanii ibsaniiru.
Abbootii fi hoggantoonni Mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo hirmaannaa guddaa fi yaada ijaarsaa kennaniif galateeffachuun, soomana gaarii akka isaaniif ta’us hawwii qaban dabarsaniiru.