AMN PLUS- Bitootessa 09/2018
Konfedereeshiniin Kubbaa Miillaa Afriikaa (CAF) Waancaa Afriikaa Senegaal injifatte haquun Morookoof akka kennamu murteessuu hordofee Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Senegaal ibsa baaseera.
Ibsa kanaanis “Murtoon CAF haqa-maleessafi fudhatama kan hin qabne” jechuun murtoo kubbaa miilaa Afriikaarraa kabaja mulqedha jedheera.
“Mirga biyyaa eegsisuufi kabaja kubbaa miillaa Senegaal deebisuufis Laawusaaniitti kan argamu Mana Murtii Ijibbaata Ispoortii Addunyaatti ol-iyyannoo nan galcha” jedhe.
Haqa ispoortii deebisuuf waan irraa eegamu hunda akka raawwatu ibsuun, waan irra gahes hawaasa biyyattiifi jaalattoota ispoortii maraan akka gahus ibseera.