Misooma biyya biraatti arginee hawwaa turre, biyya keenyatti argineerra – Abbootii Amantaa

You are currently viewing Misooma biyya biraatti arginee hawwaa turre, biyya keenyatti argineerra – Abbootii Amantaa

‎AMN PLUS – Bitootessa 09/2018

‎Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee tibbana dhimma biyyaarratti xiyyeeffachuun abbootii amantaafi hoggantoota manneen amantaalee garaagaraa waliin mari’ataniiru.

Mariin isaanii mata duree “Yaadama Mootummaa Ida’amuu Dhaabbilee Amantaaf” giddu galeessa taasifachuun gaggeeffameera.

‎Abbootiin amantaa garaagaraa Kantiibaa Adaanech waliin mari’atan gaaffileen manneen amantaalee garaagaraa baroota lakkoofsisee barii jijjiirama irraa eegalee tokko lamaan deebi’uufi ammas deebi’aa jiraachuu ibsaniiru.

Finfinneen roga maraan daandii jijjiiramaarra jiraachuus kan ibsan abbootiin amantaa kunniin tajaajila saffiisaafi itti quufiinsa qabu magaalattiin diriirsitees dinqisiifataniiru.

Magaalaan Finfinnee bu’uuraalee misoomaa sadarkaa isaanii eeggatan guuttachaa jiraachuu ibsuun misoomni kaleessa biyya hambaatti arguun hawwaa turre amma balbala keenyatti magaalaa keessa jiraannutti ta’ee argamuun warra qooddatan ta’uuf carraa arganneerra jechuun abbootiin amantaalee garaagaraa himaniiru.

Abbootiin amantaa kunneen xiyyeeffannoo mootummaan dhaabbilee amantaalee biyyattiif kenneefi bu’aa damee misoomaa keessatti Finfinneen galmeessiteef beekamtii kennaniiru.

Daraartii Tarreessaatiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply