
AMN- Mudde 13/2017
Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Eekkaatti hoggantoonni aanaa 6, qabeenya sababa misooma kooriidariin tilmaamni kennamee naannawa Kaazanchisii diigaman faayidaa dhuunfaaf oolfachuuf yaaluun shakkaman to’atamuu Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee beeksise.
Hoggantoonni 3 to’annoo jala kan oolan yoo ta’u, 1ffaa Itti gaafatamtuu Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa 6 Aadde Raahel H/yesuus, 2ffaa Itti gaafatama Waajjira Hoji geggeessaa aanaa 6 Dabbabaa Gulummaa, 3ffaa I/gaafatamaa Waajjira Mallaqaa aanichaa obbo Taaddalaa Gizaachoo kaleessa to’atamuu himame.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee fedhii misoomaa uummata magaalichaa guutuuf halkaniif guyyaa yeroo socho’utti qaamolee muraasa fedhii dhuunfaaf socho’an hordofee to’annoo jala oolchuu akka itti fufu mirkaneesseera.