AMN PLUS, Guraandhala 10, 2017
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Baankii Addunyaatti Itti Aantuu pireezidaantii Damee Bahaa fi Kibba Afrikaa Dooktar Viktooriyaa Kowaakowaa waliin marii bu’a qabeessa taasisuu ibsaniiru.
Mariin isaaniin Hojiilee nama irratti xiyyeeffate, sagantaa soorataa, carraa hojii uumuu dubartootaa fi dargaggootaan jijjiirama saffisaa galmaa’uu himaniiru.
Baankiin Addunyaa qulqullina magaalaa eeguu fi dhabamsiisa dhangala’aa akkasumas dhiibbaa tiraafikaa hir’isuuf hojiin ijaarsa sirna tiraafikaa ammayyaa eegalame kan jajjabeeffamu ta’uu ibsuun, deeggarsa barbaachisuu taasisuuf qophii ta’uu himuu isaanii Aadde Adaanech gama midiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.