AMN PLUS, Guraandhala 13, 2017
Maanchistar gaaga’ama qabxii keessa jira, amma immoo kufaatii baajataatu itti dabalame.
Kilabni guddichi magaalaa Maanchistar, Maanchistar Yuunayitid amma idaa yuuroo biliyoona tokkoo ol ta’u keessa galuun dhagahame.
Kilabichi ji’ootuma muraasa dura baasii waliigaltee leenjistootaa diiguu qofaaf yuuroo miliyooma 31 baase.
Kana qofa miti. Jijjiirraa Ganna darbeen Erik Teen Haag tursiisuuf wayita waliigaletti, taphattoota isaan barbaadan mallatteessisuuf yuuroo miliyoona 200 ol baasan.
Erga leenjisaa haaraan bakka Erik Teen Haag bu’e Ruubin Amiroom dhufeeyis jijjirraaf kilabichi baasii guddaa baase.
Pirimeerliigii Ingilaandiin taphoota 25 taphatee qabxii 29 qofa kan walitti qabate Maanchistar Sadarkaa gabatee Pirimeerliigiin ammoo 15 ffaa irratti argama.
Tibbana ammoo qabxii dhabuu kilabichaa caalaa maancaatii baajataan rakkoon isaan muudate ajandaa adda duree ta’eera.
Misikkir Alamaayyootiin