Kaffaltoonni Gibiraa idaan taaksii birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 49 irra jiru biyyaa akka hin baane ajaja dabarse

You are currently viewing Kaffaltoonni Gibiraa idaan taaksii birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 49 irra jiru biyyaa akka hin baane ajaja dabarse

AMN – Bitootessa 10/2017

Biiroon Galiiwwan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kaffaltoonni Gibiraa idaan taaksii birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 49 irra jiru 8 biyyaa akka hin baane ajaja dhorkaa dabarsuu beeksiseera.

Biiroon Galiiwwan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kaffaltoonni Gibiraa idaan taaksii irra jiru kunneen biyyaa akka hin baane Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaatti maqaa isaanii waliin ajaja dabarsuu himeera.

Biirichi dhuma baatii Guraandhalaa keessa kaffaltoonni gibiraa idaan birrii biiliyoona 3.2 oli irra jiru 62 biyyaa akka hin baane ajaja dhorkaa dabarsuu yaadachiiseera.

Kanneen keessaa kaffaltoonni gibiraa 3 dirqamasaanii bahuuf walii galuun idaa irra jiru kaffaluu eegaluufi ajajni dhorkaa irraa ka’uu Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnerrraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply