‘Hidhi Haaromsi Guddichi Afrikaaf humna dinagdee walooti’ – Isteefan Kaaringii

You are currently viewing ‘Hidhi Haaromsi Guddichi Afrikaaf humna dinagdee walooti’ – Isteefan Kaaringii

AMN- Bitootessa 13/2017

Hidhi Haaromsi Guddichi Afrikaaf humna dinagdee waloo ta’uu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Komishinii Diinagdee Afrikaatti Daarektarri Kutaa Hariiroo Naannoo fi Daldalaa Isteefan Kaaringii dubbatan.

Madda oomisha guddaa kan taate Itoophiyaan, biyyoota naannoo Bahaa fi Kibba Afrikaaf wiirtuu walitti hidhamiinsa anniisaa ta’uu ishee ibsaniiru.

Itoophiyaan kanaan dura biyyoota adda addaatiifis human ibsaa dhiyeessaa turuu ishee dinqisiifachuun; Sararrii dabarsii humna ibsaa guddaa biyya Keeniyaa waliin walqunnamsiisu ijaaramuu isaa beeksisaniiru.

Kunis bu’uuraalee anniisaa naannichaa walitti hidhuu keessatti ga’ee Itoophiyaan qabdu kan agarsiisu yoo ta’u, Afrikaa Bahaa bira darbee gara naannoo Gaanfa Afrikaatti akka wiirtuu anniisaatti akka tajaajiltu kan taasisu ta’uu ishee dabalataan ibsaniiru.

Misoomni humna ibsaa haaromfamuu danda’u dorgomtummaa indaastirii guddisuu qofa osoo hin taane dhiibbaa jijjiirama qilleensaa hir’isuu keessattis gahee hammana hin jedhamne qaba jedhaniiru.

Hidhi Haaromsi Guddichi Itoophiyaa dhiyeessii humna ibsaa fooyyessuudhaan guddina indaastirii Afrikaa saffisiisuuf gumaacha olaanaa akka taasisu ibsaniiru.

Keessattuu, Waliigalteen Naannoo Daldala Walabaa Ardii Afrikaa sirna daldalaa fi investimantii Afrikaa mijeessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Itoophiyaan carraa daldalaa fi investimantii guddaa uumuun waliigaltee naannoo daldala bilisaa ardii Afrikaa hojiirra oolchuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Waliigaltee kana hojiirra oolchuuf tarsiimoo qopheessuu keessatti tarkaanfiin guddaan biyyattiin fudhatte muuxannoo biyyoonni biroo hordofuu qaban ta’uu ibsaniiru.

Ijaarsa zoonii dinagdee addaatiin, damee aviyeeshinii, geejjibaa, fi qonnaa irrattiis dabaluudhaan waliigaltee kana hojiirra oolchuuf kutannoo qaban agarsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Milkaa’inni invastimantii Itoophiyaa, fedhii lammiilee ishiitiin alatti, daldala bilisaatiin karaa qajeelfama waliigaltee naannoo Afrikaanotaaf ogummaa fi qabeenya akka laattu kan taasisu ta’uus hubachiisuusaanii tajaajilli oduu Itoophiyaa gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply