Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furiitti guyyaa Injifannoo Bitootessa 24 sababeeffachuun sochiin Ispoortii qaamolee hawaasa garagaraa hirmaachise adeemsifameera.
Sochiin Ispoortii kunis mata duree ”Ijaarsa Eenyummaa Waloo Egeree Itoophiyaaf” jedhuun kan qophaa’e yoo ta’u sagantaan arjooma dhiigaa akka raawwatamus kominikeeshinii bulchiinsa Magaalichaarraa odeeffanne.