Konfiransiin nageenyaa abbootii amantiifi qaamolee hawaasa garagaraa hirmaachise Magaalaa Jimmaatti adeemsifamaa jira.
Konfiransii nageenyaa kanas Gumii Dhaabbilee Amantaa Oromiyaatu qopheesse.
Konfiransii nageenyaa kanarratti hirmaachuuf hooggantoonni mootummaafi abbooiin amantii kaleessarraa eegalee Magaalaa Jimmaa kan dhaqan yoo ta’u hojiilee misoomaa garagaraas daawwataniiru.
Dhaabbileen amantii nageenya waaressuufi misooma itti fufsiisuu keessatti qooda olaanaa qabu. Kominikeeshinii Magaalaa Jimmaarraa odeeffanne.