Riyaal Maadirid Tapha deebii Arsenaal waliin qabu irratti Baaxiin Beernaaboo Cufaa akka ta’u beeksise

You are currently viewing Riyaal Maadirid Tapha deebii Arsenaal waliin qabu irratti Baaxiin Beernaaboo Cufaa akka ta’u beeksise

AMN PLUS-Ebla 06 /2017

Tapha deebii nuusa xumuraa Arsenaal Riyaal Maadirid waliin qabu irratti Riyaal Maadirid Baaxii Beernaaboo cufaa akka taasisu ifoomseera.

Tapha nuusa xumuraa marsaa jalqabaa Arsenaal Riyaal Maadirid 3 fi 0’n injifate ijoo dubbii ta’uun akkuma itti fufetti jira.

Shaampiyoonaan waancaa shaampiyoonsiliigii marsaa 15 Riyaal Maadirid muuxannoo keenya gargaaramnee Arsenaal injifachuun marsaa itti aanutti ni dabarra jedhan.

Taphataan sarara gidduu Riyaal Maadirid duraanii Toonii Kiroos ”Riyaal Maadirid garaagarummaa galchii 3 fi 0 Arsenaal isaa fi gidduu jiru jijjiiruuf daqiiqaan 15′ gahaadha” jedha.

Kaarloo Anchoolotiin ammoo dubbii Arsenaal moo’anii darbuu dhiisanii ”waancaa kan injifatu nuyi” yaada jedhu kaasan.

Dhaadannoon gama taphattootan jiru ammoo kana caala. Vinishiyees Juuneerii hanga Antoonii Ruudiigaaritti Roobii bakki wal-argaa keenya Beernaaboo isa baaxiin cufaa akka ta’e himu.

Kilaboonni lamaan Roobii galagala Bernaaboo irratti beellama tapha deebii qabataniiru. Morkii kana Abbaan murtee lammii Faransaayi Firaankooyiz Leeteegizeer kan dursan ta’a.

Misikkir Alamaayyootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply