Tapha jabaa akka morkii Waancaatti eegamaa jiru

You are currently viewing Tapha jabaa akka morkii Waancaatti eegamaa jiru

AMN PLUS – Ebla 8/2017

Shaampiyoonsi liigii Awurooppaan taphni nuusa xumuraa har’a galgala sa’aa 4:00tti Arsenalii fi Riyaal Maadriid dirree Saantiyaagoo Bernaabootti taphatan akka morkii waancaatti maatiiwwan ispoortii guutuu addunyaan eegamaa jira.

Gareen Kaarloo Anchoolootii Riyaal Maadriid bu’aa tapha marsaa duraa Emireet irratti 3 fi 0’n mo’amanii turan jijjiiruuf waan danda’an maraan kan carraaqan ta’uu beeksisaniiru.

Mikeel Arteettaan kan durfamu gareen Arsenaal ammoo waanuma dirree isaanii irratti hojjetan dabaluuf gara Bernaaboo kan imalan ta’uu beeksisaniiru.

Shampiyoonaan Waancaa Shampiyoonsi ligii Awurooppaa yeroo 15 Riyaal Maadriid morkii har’a dirreesaa irratti taasisuun bu’aa tapha marsaa duraa jijjiiree walakkaa xumuraaf gahuuf raajii addaa hojjechuutu irraa eegama.

Riyaal Madriid shaampiyoonsi liigii Awurooppaan kilaboota 111 injifachuun seenaa qabaatus Arsenaal irratti garuu goolii lakkoofsisee hin beeku.

Arsenaal tapha Riyaal Maadriid waliin taphate sadiin lama injifatee tokko ammoo qixa bahuun seenaa gaarii qaba.

Riyaal Maadriid seenaadhaan taphoota shampiyoonsi liigii Awurooppaa kilaboota Ingilaandi waliin taphate 53 keessaa goolii sadii oliin kan injifate kilaboota lama qofa.

Akka lakkoofsa Awurooppaanotaa bara 1975/76 tapha shampiyoonsii liigii mo’atanii darbuun Kilaba Derbii Kaawuntii 5 fi 1’n akkasumas bara 2010/11 tapha nuusa xumuraan Tootenhaam Hotsipar 4 fi 0’n mo’achuu danda’eera.

Erga Bara Awurooppaanota 2015/16 as taphni deebii shampiyoonsi liigii Awurooppaa Madriid har’a dirreesaarratti taphatu isa 16ffaadha.

Taphoota kanaan dura taphate 15n keessaa tapha tokko qofadha kilaba Ayaksi Amistardamiin kan injifatame.

Arsenaal ammoo Shampiyoonsi liigii Awurooppaa mo’atanii darbuu marsaa duraan bara 2006 Riyaal Madriidiin Saantiyaagoo Bernaaboo irratti 1 fi 0’n mo’achuun seenaa gaarii qaba.

Tapha Nuusa xumuraa Shampiyoonsi liigii Awurooppaa isa biroon galgala sa’aa 4:00tti kilabni Itilii Inter-Miilaan kilaba Jarman Baayer Muunik waliin dirreessaa irratti taphata.

Tapha marsaa duraan Inter-Milaan dirreesaan ala 2 fi 1’n Baayer Munikiin kan injifate ta’uun Inter-Milaan carraa walakkaa xumuraaf darbuu bal’aa akka qabaatu gargaara.

Muktaar Abdallaan

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply