Ayyoonota gurguddoo hordoftoonni amantii Kirsitaan waggaa waggaan haala addaa tiin yaadatanii, kabajanii oolan keessaa Ayyaanni Fannoo isa guddaadha.
Hordoftoonni amantichaa guyyaa kana guyyaa Iyyasuus Kiristoos Fannoorratti fannifamuun cubbuu ilma namaa itti haqe, araara itti buuse, ilma namaatiif fayyina bara baraa itti kenneedha jechuun yaadatu, kabaju.
Guyyaan Iyyasuus Kiristoos ilma namaa fayyisuuf itti fannifame ayyaanni Fannoo biyyoota addunyaa gargaraatti hordoftoota amantii kiristaanaa biratti sirnoota addaa addaatiin yaadatamee oola.
Itoophiyaatti Mana Amantaa Ortoodooksi Tawaahidoo Itoophiyaa, Mana Amantaa Kaatoliik, Tokkummaa Amantoota Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa dabalatee amantaaleen kiristaana biroonis guyyaa Iyyasuus kiristoos itti fannifame sirnoota amantii garagaraan yaadatanii oolu.
Hordoftoonni amantichaa mana amantaatti walgahuun sooma, sagada, kadhaafi galateeffannaan wareegama Iyyasuus kiristoos ilma namaatiif kaffale, gidiraa, dararaafi dhukkubbisaa yaadatanii oolu.
Iyyeruusaalemitti hordoftoonni amantichaa Fannoowwan mukarraa qopha’aan baachuun daandiiwwaniifi iddoowwan Iyyasuus Kiristoos fannoo baatee keessa darberra imaluun dhukkubbii, dararaafi gidiraa inni arge yaadachuun guyyicha yaadatu.
Biyyoota addunyaa guyyaa kana yaadatanii oolan keessaa Raashaan ishee tokko yoo taatu hordoftoonni amantichaa sooma, kadhaafi sirnoota galataa garagaraan guyyicha yaadatanii oolu.
Guyyaan kun Yuukreenittis yaadatamee oola. Yuukreenitti guyyaan kun akka guyyaa dhiifamaafi gaabbiitti ilaalama. Hordoftoonni amantaa kiristaanaa jilbeenfachuun, soomuufi kadhachuun guyyaa Iyyasuus Kirsitoos itti fannifame yaadatanii oolu.
Awustiraaliyaa Siidniittimmoo galateeffannaa, sooma, kadhaafi sirnoota garagaraan yaadatamee oola.
Guyyaan Iyyasuus Kiristoos ilma namaatiif fayyina bara baraa itti kenne jedhamee hordoftoota amantii kiristaanaa birratti amanamu kun Filiiphiinsittis haala addatiin yaadatama.
Hordoftoonni amantichaa wareegama Iyyasuus Kiristoos kaffale yaadachuuf dugda isaanii reebamuun gidiraafi dararaasaa yaadatanii oolu.
Beelaaruus Liibaanos, Paakistaaniiifi Ayeerlaandittis kadhaafi sirnoota galateeffannaan yaadatama.
Guyyaan Iyyasuus Kiristoos itti fannifame Giriik fi Ispeenittis karaa adda ta’een yaadatamee kan oolu yoo ta’u hordoftoonni amantii kiristaanaa gara manneen amantii deemuun sooma, kadhaafi galateeffannaan yaadatu.