Imbaasiiwwaniifi Ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa ergaa baga ayyaana Faasikaa geessanii dabarsan

You are currently viewing Imbaasiiwwaniifi Ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa ergaa baga ayyaana Faasikaa geessanii dabarsan

AMN PLUS – Ebla 12/2017

Imbaasiiwwaniifi Ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa hordoftoota amantii kiristaanaa maraan ergaa baga ayyaana Faasikaa geessanii dabarsaniiru.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashaa Ivgeenii Tarakhiin, Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Herviin Maasiingaa, Itoophiyaatti Imbaasiin Iraaniifi hojjettoonni Imbaasichaa, Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Paakistaan Atiif Shariif Miyaan, Itoophiyaatti Imbaasiin UK, Imbaasiiwwan Neezerlaandis, Siwiidin, Aljeeriyaa, Awustiraaliyaa, Jarman, Itilii fi Siriilaankaa ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii ‘UN’, Dhaabbanni Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ‘UNESCO’ fi Dhaabbanni Godaansa Addunyaa ‘IOM’ hordoftoota amantii kiristaanaa maraan baga ayyaana du’aa ka’uu geessan, ayyanichi kan jaalalaa, gammachuufi nagaa isiniif haata’u jechuun hawwii qaban ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply