Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad ( Dr.) ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin ayyaana Faasikaa Galaan Guuraatti kan argaman kaafamtoota misoomaa Kasaanchiis waliin dabarsineera jedhan.
Magaalaa moofaa ture haa jijjiirru kan nuti jenne faayidaa walii, gammachuu ijoollee keenyaa fi egeree bareechuuf qofadha.
Biyya jijjiiramteefi kadhaa keessaa baate dhugoomsuun ala yaadaafi mul’ata biraa hin qabnu.
Qe’een keessan haaraan kan keessa jiraattaniidha. Qe’ee duraan keessa jiraataa turtan deemtanii akka daawwattan nan affeera.
Akkaataadhuma waadaa galleen Kaasaanchiis haalaan faayamteetti.
Ijoolleen keenya abdii qabu, jireenya fooyya’aa nuu olii jiraachuu danda’u.
Olka’iinsi Itoophiyaa dhihoodha. nutis ni agarra. Ijoolleen keenyas ni dhaalu jedhaniiru