Ministirri Maallaqaa Ahmad Shidee Itti Aanaa Pirezedaantii Baankii Invastimantii Awurooppaa Amberiyoos Fayoolee waliin marii’atan

You are currently viewing Ministirri Maallaqaa Ahmad Shidee Itti Aanaa Pirezedaantii Baankii Invastimantii Awurooppaa Amberiyoos Fayoolee waliin marii’atan

AMN PLUS- Ebla 21/2017

Ministirri Maallaqaa Ahmad Shidee Itti Aanaa Pirezidaantii Baankii Investimentii Awurooppaa Amberiyoos Fayoolee waliin Dhimma Misoomaa fi Inverstimentii irratti marii’ataniiru.

Marii isaniin tumsa misoomaa irratti qaban jabeessuuf walii galaniiru.

Baankiin Investimentii Awurooppaa dinagdee Itoophiyaa fi misooma hawaasummaa irratti gumaacha qabatamaa gumachuu irratti qooda guddaa bahaniif obbo Ahmad Shidee galateffataniiru.

Intarpiraayizoota xixxiqaa fi giddugaleessa Faayinaansiin, Bishaaniin, Qulqullina eeguun fi carra hojii uumuun, dubartootaa irratti deeggarsa itti fufinsa qabu gochuusaaniif galateeffataniru.

Itti Aanaa Pirezedaantii Baankii Invastimantii Awurooppaa Amberiyoos Fayoolee gama isaaniin Itoophiyaan guddina dinagdeesheetiif xiyyeeffannoo duraa kennitee dhimmoota raawwachaa jirtu irratti deeggarsa akka godhan mirkaneessaniiru.

Deeggarsichi pirojektii buufata xiyyaaraa idil addunyaa haaraa maallaqaan deeggaruuf kan hammatu ta’uu mariisaaniin ibsaniiru.

Qaamni lameen deeggarsa isaaniin itti fufuuf akkasumas hoggantoonni olaanoon baankichaa daawwannaa yeroo tassisan dame adda adda fi kaneen filatamanirratti marii’achuuf walii galaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply