Badhaadhinni Itoophiyaa fagoo miti – MM Abiyyi Ahimad

You are currently viewing Badhaadhinni Itoophiyaa fagoo miti – MM Abiyyi Ahimad

AMN PLUS- Guraandhala 23/2018

Har’i guyyaa addaa guutuu Afrikaafi uummata gurraachaaf samiin dukkana ture aduu argatee ifee itti mul’ateedha jechuun Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan.

Guyyichi guyyaa Itoophiyaan weerara daangaa ishee cabsuun birdamummaafi bilisummaa uummattoota ishee sarbuuf dhuferratti gaarreen Adwaa irratti injifannoo kan itti gonfatteefi qaroomina ishee umrii waggoota 3000’f itti hin bu’amiin aduu itti mirkaneeffatteedha jedhan.

Waloon kan keessa jiraannu Itoophiyaa qaroominaa ishee ajaa’ibsiisaafi seenaa kabaja guddummaa ishee waliin aarsaa dhiigaa itti kaffaluun nu gootota dhaalchisaniif kabajatu mala jedhan Dooktar Abiyyi.

Itoophiyaa har’a keessa jiraannu abbootiifi haadholiin keenya lubbuu isaanii itti kaffaluun biyya nu dhaalchisan tokkummaafi jaalalaan keessa jiraachuun itti fufsisuun nurraa eegamaas ibsan.

Isaanirraa barannee hiyyummaa, wal-qoqqooddiinsa, ilaalchi boodatti hafaan hin tahu jechuun Itoophiyaa gara badhaadhinaatti ceesisuu qabna.

Itoophiyaan amma kan irra jirtu caalaa yeroon itti guddoo taatu fagoo miti jechuun Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply